Skip to main content
Loading Events

« All Events

  • This event has passed.

Waliin-hasawa hawaasaa fi Universiti Washington Waayee COVID-19 Kallattiin Hasahuu

January 29, 2021 @ 12:00 pm - 12:45 pm

Ammaan tana talaallin (vaccine) ‘Pfizer’ fi ‘Moderna’ COVID-19 jedhaman nuqaqqabaniiru. Lakkoobsan hedduu kan tahan hojjettoonni  teenyas talaallii kana fudhachuu jalqabanii jru. Hunda keenyaf yeroo rekkisaa fii dheeraa kan ture kana bira darbuuf gammachuuf abdiin as kalaawaa jira.Talaallin kun, COVID-19 injiffachuuf tarkaanfi guddaadha. Madda adda addaatirraa fakeenyaf; ‘UW Medicine’, miidiyaa hawaasaa, Televisiyoona, raadiyoo, saa’ibbaan keessanii fii maatirraa odeeffanno otuma qabdanuu, baay’en keessan gaaffii fi shakkii dawaa kanarraa numaqabdu. Gaaffiwan keessan deebisuu fii shakkii qulqulleessuf quunamtii adda addaa afaanota hedduun karaa ‘Zoom’ taasisaa jirra. Qunnamtiiwwan kun kan gaggeefaman hakiimota Univarsitii Washingtonii fii beektota talaallii adda addaatini. Huj-gaggeesitoonni keessan (managers) akka barumsa kanarraa qooda fudhattan yeroo isinii kennuuf itti waliigalanii jiru.

Zoom kan ittiin seentan kana: https://washington.zoom.us/j/91061777208

Barumsa afaan birootin kennamuuf furtuu kanaa gadii kana tuqaati ilaalaa. Hojattoota, barattoota, Miseensota Faakaltii akkasumas warreen dukkubsatoota tajaajilan hundi akka hirmaatan jajjabeessina. Gaffii keessan qopheeffadhaa koottaa. Dura ibsa waliigalaatin jalqabneet gara gaaffii fii deebitti ceena.

Achitti isin arguuf hawwii guddaa qabna!

Details

Date:
January 29, 2021
Time:
12:00 pm - 12:45 pm
Event Tags:
,

Organizer